Reality talk show

Reality talk show

Download on the App Store

Reality talk show episodes

  • Sareen guddifattan ollaatti isin jelaa galtee beektii?
    Sareen guddifattan ollaatti isin jelaa galtee beektii?
    Dur saree muraasa qabna turre. Isaan keessaa tokko maqaansaa "Maaftuquu" kan jedhamutu ture. Harkumaan isa guddifneetu, ollaaf laanne. Ollaatu somba guyyuma lamaan tokko kenninaaniif haratee achitti gale. Akkuma cira nun beeknee ta'uutti ka'e. Keenya, mana keenyatti guddate. Garuu, ollaadhaaf qalamee fi jaljeessa midhaanirraa eega. Halkanimmoo, eenyuun haa ta'u, numa warra isa guddises dabalatee, yoo nuti karaa ollaa sana dabarre, isaaniif duta; saruma guddifnetu sombaaf jedhee nutti duta. Jerri maqaasaallee hin geeddarre. Gaafa nuti waamnu, yoo baay'ate eegeema raasee dhiisa. Somba bare.
    Ormoo silaa ormaa, gaaf tokko akka yeroo jalqabaa ta'uufii didee huuqqachuutti ka'e. Baajati sobaa, kan sombaa sun akka durii ta'uu dide. Silaa sareen qaanii maalitti beektii mitii, lolloqaa dhufe. Balbalaa gaafa aabbaan banee gadi bahu, eegee lus godhee, mataa gad qabatee miila jela ciise. "Waa jiraa haa nyaatuu; deebi'ee dhufee Maaftuquun?" jedhe.
    Aayyoonimmoo, "nuti somba irraa hafaas soba guyyaa saafaas hin qabnu. Lafuma turetti haa deebi'u" jettee utuu afaanii hin fixin immoo, garaan haadhaa laafaadha, maxinooma qabnu tokko itti darbatte. Sallaq godhee, quuffatee, xiqqoommoo turee ollaatti deebi'e. Ollaan, eessa turte jedhanii of biraa kollolleessanii ari'an. Ittuu garaa itti jabaachuutti ka'an. Akka duraanii maaltu isa amanaree...
    Eessa dhaqaree, ammas qaanii malee deebi'ee dhufe. Waanuma argate nyaatee, utuu olii gadi labuu, utuu ganda keessa luffisuu, gaaf tokko afaan waraabessaa bu'e. Maaftuquun akka maqaa hin taane; irbaata furdaa barbaachatu irbaata furdaa waraabessaa ta'e. Galgalli namaa akka galgala saree keenya Maaftuquu hin ta'in...
    4 min
  • CAL JEDHII dhaggeeffadhu
    #CAL #JEDHII #dhaggeeffadhu
    Dubbattee madaatti,madaa dabaluurra cal jechuu filadhu.dubbattee diiguu keerra cal jechuun keeyyuu ijaarsadha.sababnisaa afaankee homaa waa ijaaaruu hin beeku yoo ta'ee diigeetu dhoqqeen maka.afaanni ijaaruu hin barre sun diiguuf karaa hin dhabu.kanaaf dubbattee diiguurra cal jettee ijaaruutu filatamaadha.
    Kana tilmaamtee ykn yaada keetti qabattee beektaa!
    5 min
  • Walking through the fire
    inni, “Amma markabicha keessaa ba'i, haati manaa kee, ilmaan kee, dubartoonni ilmaan keetiis sii wajjin haa ba'an! Uumamni foon uffatee si bira jiru hundinuu allaattiin, simbirri, horiin qe'ee, bineensi, warri lafa irra munyuuqan hundinuu si duukaa akka ba'an godhi! Isaan lafa irratti gurmuu haa godhatan, wal horaniis lafa irratti haa baay'atan!” jedhe. Nohis gad ba'e; haati manaa isaa, ilmaan isaa, dubartoonni ilmaan isaatiis isaa wajjin gad ba'an*. Uumamni jiraatan hundinuu, warri munyuuqan, warri baal'eedhaan ka'an, wanti lafa irra socho'u hundinuu akka qomoo qomoo isaaniitti markabicha keessaa in ba'an.
    Seera Uumamaa 8:16-19
    4 min

About Reality talk show

From the publisher's feed

And you will know the truth, and the truth will set you free.