Egeree Oromiyaa- EOs Podcast

#BURREE KOO #Oromo#poem by Caalaa Hayiluu


Listen Later

[email protected]

#Burreekoo!

Burree koo yaa haadha Daalee, 
yaa haadha Boorri fi Sooree,
 Burruus si tiksuuf du’aa,
Daaleen si hodhuuf gu’a,
Boorriin roorroo kee jibbaa,
Sooree fi magaaltu ,
sirratti wal dhiibaa
Akkuma bifa kee,
bubburree lafa guuttee,
Akkuma amala kee, 
cucurree guddiftee,
Kan jabaattee sin boqachiifnee, 
kan laaffattees, sinjibbaannee…
Burree haadha goromsaa fi kormaa,
Taadhii mirgituu ollaaf ormaa,
Kaan Siif jedheet kenna mormaa,
Kaanimmoo garaaf 9 gurguramaa,
Kaan humna dhabeet 
cabaatti gumgumaa…
Yoo Siif darbaree, 
yoom dirri kee dhiiga balfa?
Cooniin kee saranaa ,
dhiiga ilmaan kee qofaa,
Qe’een addiyyoomee,
Yoom faggifta mataa bofaa,
nagaan kee yoom dhufaa,  
dhalli kee yoom aannan kee quufaa??

Support the show

...more
View all episodesView all episodes
Download on the App Store

Egeree Oromiyaa- EOs PodcastBy CHALA ABATE


More shows like Egeree Oromiyaa- EOs Podcast

View all
Biyemp3 by Biyemp3

Biyemp3

4 Listeners