[email protected]
Kitaabni mata duree Dhaloota Fincilaa jedhamu kan barreessaa fi waloo Caalaa Hayiluu Abaatatiin barreeffame Sadaasa 24-2018, biyya Sweden magaalaa Stockholmitti eebbifameera.
https://www.facebook.com/photo.php?fbid=2331693786904447&set=pcb.2331694043571088&type=3&__tn__=HH-R&eid=ARCZ3mkYIc_WGA5zIF_Qr3-6m6PpUmMdqksIb_BF3knLtOGngdE6sFkc7gGfRGpSJU_IT4_N3OrH6kdU
Kitaabni kuni takkaahuu waan dhalli Oromoo tokko darbeeyyuu uummanni keenya keessa jiraateefi jiru fi jiraachuu fedhu, diddaa fi roorroo, beelaa fi dheebuu,hongee fi godaansa, lolaa fi nagaa, jaalalaafi jibba, waadaa fi gantummaa, gootummaa fi albaadhessummaa. Faroo- falaa fi raaga, ijibbaataa fi muldhata egeree fi suur-sammuun fedha waloo fi fedha qeenxee, imaanaa dhalootaa akkasuma gumgummii,asaasaa namummaa fi sodaa, abdii fi haamilee dhaba, yaadaa fi yaaddoo,seexaa fi seenaa, seeraa fi yakka, cabiinsa mirga namoomaa fi baqattummaa, namummaa fi gaabbii fi madoo keessoo keenyatti takkaa baannee deemnuu, kaanimmoo dinnee bulgaafannu bifa walalootin sararame.
Dhiibbaa siyaasaa fi diinagdee, olaantumma afi diddaa gadaantummaan roorrifamuu, falma saamicha lafaa fi malaanmaltummaa, kiyyaafi keenyaa, abbaa biyyummaa fi eenyummaa, dhugeeffata Oromoo fi falaasama matayyaa, aadaa,seenaa fi afaan ofiif quuqqaa akkasumas didhaa sabni kuni waansaaf jedhee keessa le’ee as ce’e haala barreessichaaf galeefi ifetti, bifa Walaloo dhadheeroo fi gaggaabaaboo,akkasuman walaloo aadaa, sheekkoo,durdurii fi mammaakkasa Oromoo hundee godhatee qaacceffamuun walaloo bifa ammayyaatiin barraahedha.
walalootaa gara mata dureewwaan 100 tti dhihaatan hammatera. Hunduu taateefi kaatee akkasumas muudannoo fi miira adda addaatin barreeffaman. Walaloon miiraa dubbistootaa kaan gammachiisaa, kaan boochisaa, kaan dinqisiisaa kaanimmoo aarsaa fi kafalchiisa kan jechoota bareedoo fi gaggabaaboon miira dubbistoota taa’atee dhamaa fi dhaamsa dabarsuudha.
Akkuma Artistii fi gaazexeessaa Ibraahim Haajii Alii kitaaba walaloo tiyya jalqabaa yommuu gulaalee yaada isaa kennu, ‘’ onnee dhabanis,sombatu nama duta.’’ jedhetti dandeettii guddaa fi ogummaa afaanii guddoo qabaannee osoo hin taane, inaaffaa, teenyaahoo maaf Akka kan biraa dhabdee fi hanqaxxee? wanti biraa hafnaan kitaabni walaloo afaan Oromootiin barreeffame qooda guddaa hogbarruu Oromoof gumaachullee yoo baattee lakkobsa keessa galuunuu waajabil jedheen kitaaba kana hogbarruu Oromootif gumaachu fedhe.
Sabni kiyya kanneen hogbarruu Oromoo jaalataniifi kanneen immoo ogummaasaa qaban, akka dubbisaanii yaada ijaaraa fi egereef foooyyeesse waa gumaatu godhuuf akka haamilee naaf ta’an abdiin koo guddaa dha. abdachaatii Kitaabni tuni Yaadannoo isii immoo;
Hangafoota Qabsaahota Oromoo kannee murannoo fi tikfata Iccitii dhaloota kana barsiisaan Hundeessaa fi barreessaa olaanaa Waldaa Maccaa-Tuulamaa kan ta'an obbo Haylamaaram Gammadaa fi Haaji Aadam Saddoo tiif naaf haa taatu. Dhaamsa dhaloonni akka irbuutti kudhaammaatee ittiin deemu Kan nuuf dhaaman; ‘’qabsoon Oromoo hamma bofa hudduu lixeeti, harkisan ni cita, dhiisanis ni lixa, takkaa summii isaa facaasera.’’ jechuun qabsoon galma gahuu akka hin oolle kan raaganii mana hidhaatti wareegama qaalii sabaaf kennan, obbo Haylamaaram Gammadaa tiif yaadannoo dhalootaa haa taatuf!
Lammeessoo irratt immoo gootichaa qabsoo Oromoo kan dhaloonni qubee iccitii qabannaa irraa dhaallu fi gadaadhaan maqaasaanii leellisnu, ‘’ kan garaa dhaa nu bahe garaatti deebifneerraa, kana booddee waan feetan godhaa.’’ jechuun gara kuteenyummaasaa diinatti muldhise, Haajii Aadam Saaddoo tiif naa haa taatu!
Galata
Barreessicha sirna eebba kanaa irratti
Support the show