Qophiin ummata aada danuu Kibba Melbournitti gaafa Fulbaana 23 bara 2023 HWPL, dhaabbata nagaa addunaaf jedhu bara 2013 dhaabateen gaggeeffame. Qophii kana irratti hawaasni adda addaa kan argaman yemmuu tahu Dargaggoonni Oromoo qophii agarsiisa aadaa taasisanii turan. Kaanis argamuun daawwataniiru. Haala guyyaa kanaa warri dubbifne akka oliitti nuu ibsaniiru.