Egeree Oromiyaa- EOs Podcast

Jaarmiyaa tokko maaltu jabaa taasisa?


Listen Later

[email protected]

#Jaarmiyaa Tokko Maaltu #Jabaa Taasisa?

               -1  -

Dhaabni ykn jaarmiyaan tokko haalli inni ittiin jabaatuufi guddataa deemu karaaleefi roga hundaan waan jaarmiyaan tokko guuttachuudha qabu yoo guuttateedha. Waan hunda caalaa dhaaba tokko kan jabinasaa ibsuufi daran bu'a qabeessa isa taasisu :

1). Akeekaafi kaayyoo inni ittiin dhaabbateefi muldhata inni ittiin saba bilisummaa argachuu qaba jedhee qabsaawuuf sanadha. Kaayyoofi akeekni jaarmiyaa tokkoo ifaafii qajeelaa tahuu qaba.Kunis salphaa dhumatti uummatasaa keessatti habaqaaluufi fudhachiisuf lammii akeeka kanaaf jiraatu oomishuu dandaha.
2).  Hooggantootaa qeenxee irra hooggantootaa waliin waliin walfaana tarkaanfatan, dambooboo, fi ayyaan qabeeyyii akka-abbaa muldhata qabaatoo fi dabballoota muratoo fi amanamoo qabaachuu,
3).  Dhaabni ittiin bulmaatafi heera wayyabni lafa kaayate laalaafi ittiin bulaa, loogii fi  haalduree tokko maleetti hojiitti hiikaa deemu yoomiyyuu bu'aa buusaa deema.
4).  Madda diinaagdee jabaa fi yaada diingdeen ittii burqee kaayyoo irratti dhaabbatan hojiirra oolchuf nama geessu kan yeroo ammee fi dheeraa keessatti fayyadaman qabaachuu fi dudduubbee amansiisaa sabasaa keessa qabaachuu,
5).  Dhaabni ilaalchaa galaana gadaantummaa akka gandummaa, amantii fi garee xiqqashoo dantaa waloo caalaa dhuunfaa qabaniiniin of tiksuu irraa walaba tahe yoomiyyuu injifataa fi giddugaleessummaa sabaatin jaallatamaa dha,

6).  Kallattii hundaan jaarmiyaan keessumaa qabsoon karaa riphe lolaan godhamu tooftaa fi fir-horachuu,
7). Sirna uummataa fi sabasaa bitaa fi cunqursaa jiru keessatti namoota jajjaboo ijaaruu fi abbootii qabeenyaa karaa laf-jalaan of jala hiriirsuu
8. Of Ilaalleen jaarmiyaa sanaa kaleessa sabichaa thauu qaba. Kaleessa fi hardha walitti hidhuun boruu ykn egeree sabichaa uumuun ni dandahama waan taheef keessumaa kalee saba keenyaa ganneerra taanan jidduutti walammee taana. Mee yaadota kanneen tokko tokkoon laaluu yaallatii na hordofaa.


Support the show

...more
View all episodesView all episodes
Download on the App Store

Egeree Oromiyaa- EOs PodcastBy CHALA ABATE


More shows like Egeree Oromiyaa- EOs Podcast

View all
Biyemp3 by Biyemp3

Biyemp3

5 Listeners