Egeree Oromiyaa- EOs Podcast

Magaalan Ottaawaa, Ayyaana Irreechaa ayyaana waggaa magaalattii gochuun beekkamtii kennite. Dhimma kana irratti obbo Habtaamuu Niinni Abbinoo waliin turtii goone caqasaa


Listen Later

[email protected]

Egereen Oromoo oluma!

Waan ofii jaalachuun dubbii irra darbee gaafa gochaan lafa qabate nama gammachiisa.

Gowwaan keenya waggaa eeggateet aadaa fi duudhaa Oromoo, eenyumnaa fi dudduubbee isaa ganamaa abaaraa oola. Abaaruu qofa osoo hin taane akka baduuf baajata itti baasee dhabamsiisuug hojjata.

Qaroo, beekaa fi inni of tahe, kan eenyummaa, duudhaa fi aadaa isaa jaalatu garuu akkasitti akka iftee mul’attuuf irratti hojjata. Garaa gabrummaan beekuu fi beekuu dhabuu, of tahuu fi of tahuu dhabuu as irra jirti jechuu dha.

Hawaasni Oromoo #Canada- Kaanaadaa fi keessattuu namoonni dhimma kana irratti hojjachuun yeroo, beekumsaa fi humna keessan irratti baaftan  obbo Habtaamuu Nini Abino  hoogganaan #OromoHeritage ulfaadhaa! Galanni keessan eenyummaa fi aadaa Oromoo dagaagee, guddateeakak biiftuu muldhatu arguu haa ta’un jedha.

Biyya Kaanaadatti, magaalaa guddoon biyyattii #Ottaawaan, Irreechi Oromoo akka aadaa fi Ayyaana waggaa magaalaattii tahee kabajamu labsite. Kuni injifannoo salphaa miti aadaa fi eenyummaa Oromoo sadarkaa kanaan gahuun!

Irreechi Irree keenya! Kan jenneef kanaafi!

” Sabni aadaa fi amantii hin qabne, garbicha” kan jedhe aabba Liiban Dabbasaa Guyyoo ture!

https://x.com/abino11/status/1891074227505336795?s=46...

Support the show

...more
View all episodesView all episodes
Download on the App Store

Egeree Oromiyaa- EOs PodcastBy CHALA ABATE


More shows like Egeree Oromiyaa- EOs Podcast

View all
Biyemp3 by Biyemp3

Biyemp3

5 Listeners