Egeree Oromiyaa- EOs Podcast

Oromo Intellectual Society (OIS) conference, Part #1


Listen Later

[email protected]


Gurmuun Hayyoota Oromoo (GHO/OIS),
Mata-duree “Burjaajii fi Daddaaqamuu Hawwaasa Oromoo: Sirna Badii Impaayeraa if Gahee Qaroo (Elite) Oromoo” jedhu jalatti Seminaara marii qopheessee jira. 

Sirni koloneeffataa, uummata gabroomfatee hacuuccaa isaa jalatti tiksuuf, tooftaa fi tarsiimoo dhaabbatoo garagaraatti dhimma baha:  1) Shororkessuu, saamuu fi hiyyoomsuu; 2) qoqqoodee bulchuu; 3) afaan, aadaa, seenaa, waliigala eenyummaa sabichaa dhabamsiisuu fi burjaajessuu; 4) qaroo sabichaa dhabamsiisuu, sirna ofii fudhachiisuu ykn malaanmaltummaadhaan takaalee akka saba isaaniif hin dhaabanne godha. Kunneen imaammatoota koloneeffataan ittiin beekamu, kan sirni Itoophiyaa baldhinaan saba Oromoo irratti geggeessaa ture fi jiru dha. 

Seminaarri GHO kun tooftaa sirni PP hardha Oromoo ittiin gidirsu keessaa waan lama irratti xiyyeeffata:  
A)    Olola Maqaa Nagaa fi Araaraa Qabatee Deemu
B)    Daddaaqamuu Hawwaasa Oromoo Biyyaa Alaa (fi Keessaa)
Kunneen jalatti, olola PP’n maqaa “Nagaa” fi “Araara” jedhuun uummata burjaajessuuf yaaltu ifoomsuu; akkasumas murni kun, qabeenya (resource) qabdu fi kan itti liqeeffattu mara dhangalaastee, golee qabsoo fi hawaasaa keessatti burjaajii fi jeequmsa uumuu yaaltu irratti uummata dammaqsuu irratti xiyyeeffata.

Support the show

...more
View all episodesView all episodes
Download on the App Store

Egeree Oromiyaa- EOs PodcastBy CHALA ABATE


More shows like Egeree Oromiyaa- EOs Podcast

View all
Biyemp3 by Biyemp3

Biyemp3

4 Listeners