Egeree Oromiyaa- EOs Podcast

Poem: Here Qaama Koo


Listen Later

[email protected]

Waggaa 11 dura gaafan Walaloo tana sararu akka keesaa baanu abdiin qaba ture. 
Haa tahu malee anii fi qaamni koo kuni saranas asumaa wal qoccollaa,
Fayyinee wal hin fayyisne,
Akka waan jilaatti asumaa lafa dhiinna
Ciree gatuuf naafummaan sodaadhee, baadhee deemuufis dalaga wal dhoorre….

Hee Qaama koo….

#Qaama Koo!

Ani kanan jedhu, 
want’n si gaafadhu
silaa qaama kooti
waa muree sin gatuu
harki gaafa fayye,
miilatu na nyaataa
gaafa miilli fayye,
mataat bowwaafataa
nattin hafin jedheet,
rifeensis kottonfataa
qubnillee wal dhiiba
waliif hooquu dhiiset,
cinaatti wal jibbaa.

Dhibee guddaan dhoru
utuu ho'ichoon jiruu
cittoon isa weeraree,
fanxoon gudeeda dhaalee
utuma ijaan laaluu,
qubni hooqa dhiiset
ija na waaraanaa,
injiree naa waaddu,
moggaatti dhiifatee
funyaan na rukkuta,
harkis buunyaf, miidhagfatee
ilkeetti na gamaa,
rigee aannan ayeetuu,
fakkeessa jennaan
dhabamsuuf aggaama.

Quboonni koo,
gurraa guurii guuree
kan kunuunsuu male
kabaallaa natti duucha
harkumti koo, qaarutti qiyyaafatee,
ilkaan koo miidhaginaaf oolee, 
seeqeet gammachiisa jennaan 
dubbii dansaafis arraba utubee
wal gargaara jennan
kunoo akka foonii,
kutee na  ciffataa,
kaanis maqaa kiyya fuudheet, 
caccabsee alaanfata.

Arrabni koos tolaa haasawee,
waayillan faarsurra
haamilee isaanii cira
ni araarsa jennaan,
hamiin walittisaan dira.

Miillii koo fiigee,
nyaapha qabuu didee,
jilbi koos wal rigee,
mudaan muddiin dhiige,
qaamni saala kootis,
jabaa dhalcha jennaan
miceeree walitti buusee
Cidhaa lamaan gogsee,
sanyii baasa jennaan,
bishaan adii jissee
wal utuba jennaan,
kunoo wal maseensee!

Hee qaama koo,
egaa akkas tahee
nafa taataa moo naafa ?
hunda ifirraa ciree
akkan sin jijjiirree
heera uumatu naan hirree
garuu kana booda,
garaan mar'umaan tuqnaan
kaleen tiruu miinan
sombi onnee dhiibnan
sammuun kaawwaniif,
tika dhiisnan
miiroonnis sammuuf,
ajajamuu dinnaan,
harki miila murraan,
qubni funyaan urraan
ganaan gurra kaballaan
garaachi kalee dhiinnan
arrabni hami guddifnaan
ilkaan arrabatti roorrifnaan
taa'an baata dadhabnaan
muunneen xu*ii nyaannan,
fagaarri, hoji-idilee dhiifnan
cidhaan qu*uu, kabajuu dhiisnan
gamtaan sanyii, hoomisha dhiisnan,
egereef jechuun, tasuma ni hafa,
naafadhees, hin ta'u naafa
killicha balleessees, hin jiraadhu lafa.

Maqaan baduu mannaa,
mataan baduu wayya
qaama koo qaama koo, 
jedhees sin sossobu
umrii kee dheeressuf, 
abadan sin sobu,
naafa ta'ee,  maalifan jibbamaa,
qaama hir'uus ta’ee, anis awwaalama
killa kiyya fixeen,  achi gaggeeffamaa,

fedhan haa awwaalan,
fedhaan haa gugguban.
kun hafnaan goflola haa ta'u
waraabu na nyaatee, beela naan haa ba'u
qaaman qaba jedhee, fayyina hin dharra'u.

Koo, qoma koo, 
nafa koo, foon koo 
lafee koo, tiruu koo… 
qamoo koo, qoomaa koo…

duuchaatti abdii kutees 
faxoorradhee hin taa’u.
Boru guyyaa biraati, 
maaltu raaga waan ta’u.

Bara, 2013, Shagarab, Suudan

Support the show

...more
View all episodesView all episodes
Download on the App Store

Egeree Oromiyaa- EOs PodcastBy CHALA ABATE


More shows like Egeree Oromiyaa- EOs Podcast

View all
Biyemp3 by Biyemp3

Biyemp3

5 Listeners