Share VIO-SWO
Share to email
Share to Facebook
Share to X
Duumessi hin haguugu
Obsimee - Instrumental Music
Duula duguuggaa sanyii, garee Faannoo jedhamu, akkasumas, Milishootaa fi Hawaasa Naannoo Amaaraan, Konyaa Matakkal, Ona Dibaax, Ganda Gaalessaa keessatti, Roobii kaleessaa (Onkoloolessa 13, 2021) Uummata Oromoo irratti banameen, aayyoo deessee ulmaa jirtu dabalatee, Oromoonni jaha (6) haala suukanneessaan ajjeefamuu.
Duula duguuggaa sanyii, Dilbata Onkoloolessa 10, 2021, Konyaa Baha Wallaggaa, Ona Giddaa Kiiramuu, Magaalaa Haroo keessatti, humna Faannoo jedhamuu fi saba Amaaraa kanneen bakkas jiraataniin, Uummata Oromoo irratti banameen, lubbuun Oromoota kudha-sagalii (19) gaaga'amuu.
Akkasumas, kanneen Ganda Caffee Guddinaa irraa buqqa'an dabalatee, Oromoonni baay'inaan Kuma-Kudhanitti tilmaamaman qe'ee ofiirraa buqqa'uu; qabeenyi qarshii Kitila-dhibbaatamatti shallagamus saamamuu fi barbadeeffamuu.
Guyyoota lamaan kana ammoo, duulli kun, gara Onoota Konyaa Baha Wallaggaa keessatti argaman, kanneen akka: Guutoo Giddaa fi Amuruutti babal'achuun, Ona Guutoo Giddaa, iddoo Mandaraa 24 jedhamuun waamamutti, Oromoonni baay'inaan Shantama (50) ta'an, humnoota Finxaaleyyii Amaaraatiin ajjeefamuu.
Boobii harkaa qaamota MKIIn, Konyaa Qeellem Wallaggaa, Ona Jimmaa Horroo, Magaalaa Jimmaa Horroo keessatti, mana jireenyaa isaanii irratti darbatameen, Haati-warraa (Aadde Masarat) lubbuun darbuu, Abbaan-warraa (Obbo Ayyaanaa Hordofaa) ammoo madaa'uun, wal'aansaaf gara Hospitaala Gimbiitti geeffamee jiraachuu.
Dhukaasa Oromoota Jimaata Onkoloolessa 8, 2021, Konyaa Gujii Bahaa, Ona Gumii Eldalloo, Ardaa Qaallittii keessatti, Irreeffannaaf bobba’an irratti, LMKIIn banameen, Sirni Irreechaa sun goolamuun addaan bittinneeffamuu; Oromoonni Irreeffachuuuf ba’an muraasnis achi-buuteen isaanii hanga guyyaa har’aatti kan hin beekamin ta’uu.
Ajjeechaan qabata deggersa WBOtiin, Uummata Oromoo irratti, keessattuu, dargaggoota Oromoo irratti fuuleeffachuun, LMKIIn raawwatamu, Konyaa Lixa Wallaggaa keessatti, akka-malee hammaatee jiraachuu. Haaluma kanaan, Onoota Konyaa Lixa Wallaggaa keessatti argaman kanneen akka: Aayiraa, Ganjii fi Sayyoo Noolee keessatti, yeroo dhihoo asitti, dargaggoonni Oromoo baay'inaan 17 olitti tilmaamaman ajjeefamuu.
Lola hidhattoota Naannoo Affaarii fi Naannoo Amaaraan Oromoo Walloo irratti guyyoottan sadeen darban bifa haarayaan banameen, Oromoonni Walloo sagal (9) Ona Harxummaa Fursee keessatti ajjeefamuu; kanneen baay'inaan sanaa ol ta'an ammoo madeeffamuu.
"Shanee fi Juuntaa waliin balleessina" jedhamuun, leenjii 'Gaachana Sirnaa'n moggaafame akka leenji'aniif, Uummanni Oromoo hidhattootaa fi dabballoota MKII'n, Konyaa Jimmaa fi Bunnoo Beddellee keessatti dirqisiifamaa jiraachuun wal-qabatee, keessattuu, Maanguddoonnii fi Hawwan Oromoo gidirfama hamaa madachaa jiraachuu.
Milishoonnii fi Loltoonni MKII, kanneen humna Mootummaa Naannoo Tigiraay (ABUT) waraanuuf kutaalee Impaayerattii garaagaraa keessaa gamasitti bobbaafaman danuun hidhannoo isaanii gatuun, gamisnis hawaasa naannootti gurgurachuun, baqachaa jiraachuu. Loltoota kanneen keessaa kanneen qabaman, kaan qaamotaa fi loltootuma MKII’n battala ajjeefamuu; kaanis to’annoo jala galfamuun miliqfamuu.
Waraana garee humnoota Mootummaa Naannoo Amaaraa fi Mootummaa Koloneeffataa Impaayera Itoophiyaa, gam-kaaniin immoo, humna Mootummaa Naannoo Tigiraay (ABUT) gidduutti geggeeffamaa jiru irratti, gara garee humnoota MKII fi Mootummaa Naannoo Amaaraa goruun humna Naannoo Tigiraay akka waraananiif jecha, Oromoonni Walloo dirqamsiifamuun gamasitti geeffamaa jiraachuu.
Haaluma kanaan, Oromoonni baay’inaan 50 olitti tilmaamaman, Roobii Adoolessa 21, 2021, Magaalaa Baateetti walitti qabamuun Buufata Poolisii Ona Baatee keessa erga bulfamanii booda, borumtaa isaa konkolaataa lamatti fe'amuun gara mooraa leenjii waraanaa Xiixaa jedhamuutti geeffamuu.
Maanguddoon Oromoo, Obbo Addunyaa Amantee, WBO gargaarte jedhamuun, Giddu-gala Oromiyaa, Lixa Shaggar, Ona Gindabarat keessatti hidhamuun dararamaa erga turee booda, Kamisa Adoolessa 22, 2021 mana hidhaa san keessaa baafamuun ajjeefamuu, sirni awwaalcha isaas Sanbata kaleessaa, Ona Gindabarat Ganda Gammadaa jedhamu keessatti kan raawwatame ta’uu.
Gama biraatiin, hidhaa fi dararaan Loltoota Mootummaa Koloneeffataa Impaayera Itoophiyaan Uummata Oromoo irratti maqaa gargaarsa WBO’n raawwatamu, Ona Gindabarat keessatti akka hammaatetti itti-fufee jiraachuu.
Tajaajilli bishaan qulqulluu fi ibsaa, Magaalota Konyaa Walloo ja'a (6) – Haarawa, Caffaa Roobiit, Gooraa, Fursee, Qiciicoo fi Cirrattii – irraa erga muramee torban tokkoo ol lakkoofsisee jiraachuu.
Poolisoonni Humna Addaa fi Milishoonni [Oromiyaa] baay'inaan 10,000'tti (Kuma-kudhan) tilmaamaman, kanneen humna Mootummaa Naannoo Amaaraa tumsuun, humna Mootummaa Naannoo Tigiraay (ABUT) waraanuuf, torbee lama dura gama kaaba Impaayerattiitti bobbaafaman, irra-jireessi isaanii humna ABUT'n obbaafamuu; kaan ammoo harka kennachuu; kanneen hafanis, gara Walloo fi Affaaritti baqatanii jiraachuu.
Mootummaan Kooloneeffataan Impaayera Itoophiyaa, Qabsaa'otaa fi WBO, keessattuu, Qondaalota WBO ittiin adamsuuf jecha, meeshaalee ammayyaa biyya alaa irraa gara biyya keessaatti galchuun, namoota hojii kana raawwachuuf ta'an, Magaalaa Dirree Dhawaatti walitti-qabee leenjisaa jiraachuu.
Lixa Oromiyaa, keessattuu, Konyaa Lixa Wallaggaa fi Qeellem Wallaggaa keessatti, Uummanni Oromoo LMKII'n dirqisiifamuun, yeroo dheeraaf akka midhaan hin oomishanne taasifamaa; oomisha ooyiruu irraa qabus akka hin galfanneef, ooyiruu irratti jalaa gubamaa turuun wal-qabatee, Uummanni Oromoo Ona Najjoo keessa jiraatu yeroo ammaatti beelaaf saaxilamee jiraachuu.
Maanguddoon Oromoo, Obbo Dhinsaa Goobanaa jedhaman, Kamisa Adoolessa 15, 2021, Konyaa Matakkal, Ganda Goongoo jedhamuun waamamu keessatti, ooyiruu isaanii irraa gara manaatti osoo galaa jiranii, Loltoota Mootummaa Koloneeffataa Impaayera Itoophiyaan karaatti qabamuun, mana isaanii fuul-duratti geeffamuun, sa'aa lamaa oliif mukatti hidhamuun erga turfamanii booda rasaasaan ajjeefamuu; haati warraa isaaniis LMKII'n akka malee dhaanamuun miidhaa qaamaa irra ga'eef hanga har'aatti wal-aansa fayyaa tokkollee hin argatin jiraachuu.
Uummanni Oromoo, goototaa fi qabsaa'ota ilmaan isaa, kanneen qabsoo walabummaa biyya isaanii Oromyaa fi bilisummaa saba isaanii Oromoof taasisan irratti wareegaman bifa kamiin yaadachuu qaba? Kaayyoon gootota wareegamtoota Oromoo yoom guuta? Uummanni Oromoo galma qabsoo isaa ga'uuf maal gochuu qaba?…
Baqattootni Oromoo biyya Suudii Arabiyaa keessa jiraatan, kanneen kumaatamaan lakkaa'aman, Waxabajjii 10, 2021 irraa eegaluun Magaalota Jiddaa fi Riyaad keessatti hidhamnii gidirfamaa jiran keessaa kanneen kuma-lamatti tilmaaman tibbana gara biyyaatti galfamuu, kanneen mana hidhaa Suudii keessatti hafanii jiranis soorata ga'aa dhorkamuun haala hamaa mudachaa jiraachuu.
Sagantaa RSWO - Caamsaa 13, 2021
The podcast currently has 10 episodes available.