inni, “Amma markabicha keessaa ba'i, haati manaa kee, ilmaan kee, dubartoonni ilmaan keetiis sii wajjin haa ba'an! Uumamni foon uffatee si bira jiru hundinuu allaattiin, simbirri, horiin qe'ee, bineensi, warri lafa irra munyuuqan hundinuu si duukaa akka ba'an godhi! Isaan lafa irratti gurmuu haa godhatan, wal horaniis lafa irratti haa baay'atan!” jedhe. Nohis gad ba'e; haati manaa isaa, ilmaan isaa, dubartoonni ilmaan isaatiis isaa wajjin gad ba'an*. Uumamni jiraatan hundinuu, warri munyuuqan, warri baal'eedhaan ka'an, wanti lafa irra socho'u hundinuu akka qomoo qomoo isaaniitti markabicha keessaa in ba'an.
Seera Uumamaa 8:16-19