Ergamoonni yeroo hundaa nuuf kadhatuu

Wareegamaa giyoorgis


Listen Later

------------

🎤 Lyrics: Mezmur Orthodox Lyrics

------------

Wareegamaa giyoorgis dursaa dhugumootaa

Abdii siin godhachuun warri cubbamoota

Nuuf kadhadhu jenna waaqa qulqullootaa

------------

Alsadii kan duutee alsadiis kan kaate

Waaqa keetiif jette ofiikee of laatte

Dhiignikees lola'ee fooniinis ciccittee

Kana hunduma mootee kabaja argatte

------------

Moonyeettis tumanii qilleensaaf kennanii

Hadu'us jedhanii irratti mari'atanii

Furmaatas dhabanii achumaan badani

Kana mo'ee darbee humna waaqayyoonii

------------

Nuun maalif rakkanna maalumaaf yaaddofna

Amantiin jabaannee diina keenya moona

Kufnee akka hin hafne waaqayyon kadhanna

Ulfinaan dhaabbanne mootummaasa arganna

------------

Qulqulloota keessa gidiraa simatee

Giyooorgis waaqarra ulfina argate

Humna waaqayyooni seexanarra ejjete

Gonfoo qulqullinaa samiirra argate

------------

...more
View all episodesView all episodes
Download on the App Store

Ergamoonni yeroo hundaa nuuf kadhatuuBy Beresa Abebe