------------
🎤 Lyrics: Mezmur Orthodox Lyrics
------------
Wareegamaa giyoorgis dursaa dhugumootaa
Abdii siin godhachuun warri cubbamoota
Nuuf kadhadhu jenna waaqa qulqullootaa
------------
Alsadii kan duutee alsadiis kan kaate
Waaqa keetiif jette ofiikee of laatte
Dhiignikees lola'ee fooniinis ciccittee
Kana hunduma mootee kabaja argatte
------------
Moonyeettis tumanii qilleensaaf kennanii
Hadu'us jedhanii irratti mari'atanii
Furmaatas dhabanii achumaan badani
Kana mo'ee darbee humna waaqayyoonii
------------
Nuun maalif rakkanna maalumaaf yaaddofna
Amantiin jabaannee diina keenya moona
Kufnee akka hin hafne waaqayyon kadhanna
Ulfinaan dhaabbanne mootummaasa arganna
------------
Qulqulloota keessa gidiraa simatee
Giyooorgis waaqarra ulfina argate
Humna waaqayyooni seexanarra ejjete
Gonfoo qulqullinaa samiirra argate
------------