Oromo News 03/08/2021 Akaam, galatoomi caqasuu dhaaf, kuni Oduu Siouxland Public Miidiyaa Oromiffan Anii Fatiya. Guyyaan har’aa kabajaa wagga tokkoffaa Iowa keessati sababa Covid-19 du’aniidha. Akka virus kun jalqabe irraa namni waliigalatti due 5,559 dha, nama Woodbury County keessati due 214 dabalate. Deparmantiin mana fayyaa Iowa akka gabaasanitti guyyaa har’aa namni tokko dabalataan akka due gabaasan, namni haarawa qabame ammo 140 dha, nama Woodbury County keessati haarawa 8 qabame dabalate.