
Sign up to save your podcasts
Or


Kurfii kana keessatti waan marsaa 8ffaa tamsaafame gabaabsaan wolyaadachiisuun, marsaan kun xumuramuusaa wal huubachiifna
Kurfii tana keessatti qabxiilee tokko-tokkoratti yaada woljijjiirrachuu sagantaa dabree keessatti eegalle xumurra.
Kurfii kana keessatti jaal Nagariin,
Kurfii kana keessatti, Jaal Nagariin;
Jaal Nagariin kurfii kana jalatti:
Kurfii 11ffaa tana gubbaatti Jaal Nagariin seenaa qabsaawoonni ICHAT dahattuun sossohaa turan mootummaan DERGU irratti bobbaa gaggeessiteefii qunnamtiin jaallan jidduu kan magalaa fi dirree adda cite nuun qooddata. Dabalats tattaaffi jaallan hafan quunnamtii deebisanii diriirsuuf godhaa turan irraahis ball'innaan dubbata.
Kurfii kana jalatti Jaal Nagariin seenaa qabsaawoota dirqama adda-addaa itti laatame fudhachuun jaarmayaa ICHAT fii ABO jalatti qabsoof bobbahanirraa dubbata.
Jaal Nagarii fayyisaan gaaffii, "Eessaa kaanee, asgeenye?" ga'ffageenyaan deebi itti laatu kurfii kana keessattis itti fufa. Qooda barattoota Oromoo, baruulee garagaraa maxxanfamaa turaniif sochii bifa hedduun deddeema turan bakka tokkotti kurfeessurratti tattaaffii godhaman ball'inaan irraa dubbata.
Jaal Nagariin seenaa kutaa 5ffaa jalatti eegale itti fufuun kurfii tana gubbaatti ammoo qooda dhalootni sadaffaa fii sochii barattootni Oromoo 1970moota keessatti qabsoo bilisummaa Oromiyaaf gaggeessaa turan irraa ball'inaan dubbata.
From the publisher's feed