
Sign up to save your podcasts
Or


Qophii torban kanaaf Dr. Jemal Muhammad keessummaa keenya. Dr. Jemal waliinis waahee DNA fi "genetic engineering" irratti marii waliigalaa gaggeessinee jirra.
Qophii torban kanaa keessatti, marii waahee "Artificial Intelligence" huubannoota handhuuraa walii-qooduuf jacha gaggeessaa turre xumurra.
Itti Dhihaadha!
Qophii torban kanaa keessatti:
Waan Ep81 irraa kaasee haga torban dabree(ep 85) haas'aa turre, jachuunis waahee qabsoo, waahee jaarmayaafi dubbii hogganaa guduunfina.
Dhihaadhaa!
Qophii torban kanaa keessatti:
1. Waan ummanni Gurraachi kan Afikaan-ala turan sochii ummata Gurraachaaf gumaachan: bilisummaa biyya Haiti, qooda jaarmayaa "Sons of Africa"
2. Waan "Marcus Garvey" dammaqiinsa ummata Gurraachaaf gumaache
3. Qooda Pan-Africanism bilisummaa Afriikaaf gumaache
4. Tattaaffii warri pan-Arabism(Gamal Abdel Nasser) warra Afrikaa of jalatti hiriirsuuf godhan
5. Afrikaanoonni gartuulee "the Casablanca Group" fii "the Monrovia Group" jalatti gar-gar qoqqoodamu isaani
5. Gumaacha Kwame Nkrumaan Pan-Afrikaanizmii, bilisummaa Afrikaafii "United States of Africa" ijaaruuf godhe
6. Aarsaa Mwalimu Nyerereefi Tanzaaniyaan bilisummaa Afrikaaf kafalanfi kkf gaggabaabsinerraa dubbanna.
Dhihaadhaa!
From the publisher's feed