ILMAORMAA

ILMAORMAA

By IlmaormaaSociety & Culture
Download on the App Store

ILMAORMAA episodes

  • S2.Ep23. CRYPTOCURRENCY - KUTAA I
    Cryptocurrency aduunyaan amma itti maraata jirtu tun maal isiin?
    Bitcoin faa bitachuuf maaltu nama feesisaa?
    Eessaa bitachuun dandahamaa?
    Seenaa gabaabaduu waan maallaqaa fii baankiifi waan kan fakaatan
    *************************************************
    * Podcastii Ilmaormaa : @ilmaormaa1(Telegram)*
    ************************************************
    1 hr 27 min
  • S2.Ep22 Cidha Humna Ortomaaraa Deebisee Ijaaruuf Hojjataa Jiru

    - Humni Oromo bakka lamatti qoodame jira! Warra Ortomaaraa wajjin cidha qopheeffataa jiruufii warraa hidhaa - bosana jiru.

    - Oromoon marraa baayyee odoo lafti hinifiin maalif "nuu barihee! bilisoomne!" labsaa turte? Heger dogoggora akkanaarraa akkamiin of hambisuun dandahamaa?

    - Warra kamfaatu Oromiyaa qircaa godhachuuf, Oromo facaasuuf hiriira galee jira?

    - Balaa humni Ortomaaraa ummatoota indigenous tahanirraan dhaqqabsiisuuf qophaa jirurraa akkamiin of dandaman fi kkf

    1 hr 16 min
  • S2.Ep20 Mootummoonni fii Humnoonni Adda Addaa Maaliif Iccitii Walii Karaa Subqunnamtiin Gadbaasuu?

    - "Iccitii" Kello Median baaseen eenyu faatu bu'aa argate/argachuuf deemaa? Eenyuutu miidhame/miidhamuuf deemaa? 

    -  Kaayyoon Kello Median woyta kana "iccitii" san gabaarraa olcheef maal tahuu malaa?

    - Subqunnamtiin mull'atni siyaasaa ittin masakame qulqullaahe hinbeekamne hujiin isaa amanamuu dandahaa? 

     - Seenaa gabaabaa gaazeexoota keessaa warra ibidda lolaa Ameerikaa fii Ispaanyaa jidduut qabsiisan jadhame himamu

    - Dubbii "Mik Adra Massacre" jadhamtee afarfamtee keessat qooda "Amnesty International" fii subqunnamtii garagaraa...kkf

    1 hr
  • S2.Ep.17 Odeessa Garagaraa fii Gabaasa Kitaabaa.

    -  Kitaaba, " 2030: How Todays Biggest Trends Will Collide and Reshape the Future" Prof.  Guilleniin barreefamerraa gabaasa.

    - Seera dhablummaa fii abbaarrummaan guddachuu

    - Musliimotni Xobbiyaa haga yoom akka Arabaat ilaalamu?

    - Qabsoon hidhanno amma gaggeeffama jira jadhame himamu, ka warra duriirraa maaliin adda?

    1 hr 30 min
  • S.1 Ep.16. Marii Janaraal Abdiisaa Waliin

    -  Nyaaphni uummata Oromo dhara "genocide” jadhuun aduunyaa birat yakkee fudhatama dhabsiisuuf ragaa guurrataa jira .

    -  Humni Oromo  iddo sadiitti qoodamee walirra aanuuf carraaqqiin godhu Oromo laaffisee bittineessaa jira.

    - J. Abdiisaan argaa-dhageettii ijaarsaa fii caasaa Oromo kan akaakayyuu jalatti barate nuun qooddata.

    - Qarrree fii qeerroon maalturraa eegamaa .

    BEEKSISA!!!

    Podkaastiin Ilmaormaa ka marsaan duraa(season one) Episode kanaan xumuramti. Torban muraasaaf boqonnaa fudhanna.

    Marsaan 2ffaan (season two) May 14, 2021 irratti jalqaba.

    Hagasuu,

    Nagayaan nuuf turaa!

    1 hr 49 min

About ILMAORMAA

From the publisher's feed

Hangafa pōdkāstī Afān Oromo !