ILMAORMAA

ILMAORMAA

By IlmaormaaSociety & Culture
Download on the App Store

ILMAORMAA episodes

  • S.1 Ep.15. Duula Waraanaa Oromo Walloorratti Labsamee fii Dhiibbaa Warra Xobiyaafi Eritraarrat Godhamaa Jiru
    -  Abiy Ahmaad Parlaamaa warraa gubbaat Xobiyaa guutuu Amaareessuuf muratee ka'uu isaa ifate hime 
    -  Oromoon ballo'oon Oromo Walloo waltajii hawaasummaa gubbaatti bifa mishaa taheen mull'isaa jiraa? Moo ummata lola malee waan biraa   hinbeekne godhee fokkisiisaa jira?
    -  Oromoo Walloo sooshaal midiyaa gubbaat bifa kamiin midhaagsaan mull'isuun isaaniif bu'aa qaba? 
    -  Ziyaara Senator Chris Coons Xobiyaat godheefii bu'aa isaa
    -  Qoqqobbi warri  Awuroopa seera 'European Magnitsky Act ' hujiirraa oolchun fudhatan
    -  Warri Awuroopa if Ameerikaa gamataan dhiibbaa Xoobiyyaafii Eritraarratti godhaa jiran 
    -  Mana Marii Ol'aanaa Ameerika Murtee (S. RES. 97) dabarse keessaa warra jajajjaboo tahan
    48 min
  • S.1 Ep.12. "Sirni Gabbaarummaa Haareeysi As Deemaa Jira"

    Episode (qophii) tanarratti: 

    • - Aduunyaan ta gartuun xiqqaan daangaa-dabraan irratti tujaaraa jirtuufii ummatni ball'aan ammo daran itti hiyyoommtaa jiru tun garam jall'ataa jirtii? 
    • - Sirni Gabbaarummaa haareeysi biyyoota kam gubbaat ijaarmaa jiraa? 
    • - Sirni Gabbaarummaa haareeysi kun maal fakkaataa? Warra kamtu irraa fayyadeeffata? 
    • - Sirni Gabbaarummaa haareeysi adunyaa gubbaat diriiraa jiraa sodaatamu kun maalirraatti hundaahaa?  
    • - Xobiyaafii biyyotni teknoloojiin haga ammaa hinbayyanatne sirna kana jalatti cabanii kufuurraa of dandamu woyi dandayaani? 
    • - Sirni Gabbaarummaa haareeysi as deema jadhamu kun jiruu matayyaarratti dhiibbaa akkam jiraa faa fiduu malaa?

    • Gaaffiilee armaan olitti tarreeffamaniifi tabiroollee kitaaba, "Sirna Gabbaarummaa Haareeysa As Deemaa"(The Coming of Neo-Feudalism) jadhamtu ka Joel Kotkin barreesse haxareeruun ball'inaan deebi laachuuf tattaaffiin godhama.
      1 hr 4 min
    • S.1 Ep.11. Gadaa Oromiyaa Biyya Ambaat (GOBA) Ijaaruu

      - Gadaa Oromiyaa Biyya Ambaa(GOBA) ijaaruurrat yaada kennachu. - Maqaa jaarmayaatiin rakkoolee, gaaga'amaa, fii Kufaatii dhaqqabanifii ammas dhaqqabaa jiranirraa barachuuf tattaaffiin haqaa godhamuu dhabuu. - GOBA jaarmayaa siyaasaa fii gartu jalaa baasuun bifa bilisaai if dandaheen ijaaruun maaliif barbaachisa? - GOBA gad-jabeessani dhaabuun waan jaarmayaa siyaasaa jadhamuu mara of keessaa qulqulleessuufi kkf.


      52 min
    • S.1 Ep.10. Diigamu Sirna Fedaraala Sabdaneessaa

      - Jaarmayaaleen Oromo diigamu sirna federaala sabdaneessaa hambisuuf uummata sossoosuuf qophii fii humna itti qabu?

      - Aktivistootni/qabsaa'otni sirna haarayaa Ijaaramaa jiru falmuuf gurmuu akkami qabuu? Gurmuu akkamii jalatti ijaaramuutu daran isaan jabeessu malaa?

      - Ummatni Ball'aan sirni Neoliberaalizmii biyya keessatti utubamaa jiru kun miidhaa akkamii irraan dhaqabsiisu akka malu huubatnoota gayaa argataa jiraa?

      46 min
    • S.1 Ep.9. Lagannaa Nyaataan of Wareeguun Xoobiyaa Keessatti Bu'aa Siyaasaa Argamsiisaa?
      - Lagannaa-Nyaataan  Xobiyaa keessatti akka tooftaa qabasoo nagayaa taheetti ummata biratti beekamaadhaa?
      - Lagannaa Nyaataa hidhamtootni siyaasaa Oromoo gaggeessaa jiran qindominaan gaggeeffamaa jiraa?
      - Dhaabbileen siyaasaa ka hidhamtootni falmaafii jiran bifa gayaan cinaa dhaabbataa jiruu?
      - Midiyaan aduunyaa maaliif lagannaa nyaataa hidhamtootni siyaasaa kan Oromoo gaggeessaa jiran gabaasuu hanqatte?
      1 hr 6 min
    • S.1 Ep.8. Hegereen Biyyaa (nation state) Maal Fakkaataa?

      - Gadaa keessa jirrutti, biyyaaf jacha wareegama lubbuu kafaluun bu'aan isaa maal? Dantaa eenyu kabajsiisuuf?

      - Aduunyaa keessatti qoodni "biyya"a guddataa mo dhiqqaataa deemaa jira?
      - Qabsoon Oromoo bifa aduunyaan itti jirtuufi daandii isiin irra qajeelaa jirtu hordofee demaa jiraa?
      - "Yellow/Orange" namni ambaa heeduun, warra "Guantanamo/Gitmo" hidhame turee; tuuta Buddhahaa biyya Maynmar(Burma) Musliimoota Rohingaya galaafataa turee; fii "Yellow Vest Movement" ka biyya Faransaayiin walitti hidhee sammuu qaba.  Duuba "Oromo Yellow Movement" kuwwanirraa adda of baasee beekkamti argatuufii milkaahu ni dandahaa?

      1 hr 12 min
    • S.1 Ep.7 Warri Teknoologii Haarayaa fii Kuwwan Hafanis Maal Nurraa Fedhan? Maal Nurraa Guuraan? Garam Nuun Deemaa Jiran?
      Odeeysa --- Warri "Wall Street" fii Caayaan "Reddit" (WallStreetbets) jadhaman maaf kaampaani "GameStop" jadhamturratti walhadhan?
      Robot( Artificial General Intelligence) sadarkaa amma itti jirurraa fii garama akka guddataa deemaa jiru gabaabasaan walhuubachiisu.
      Kitaaba, "The Age of Surveillance Capitalism" kan aduunyaan guutuun faarsitee fii irraallee dubbataa jirtu warra amma dura hindubbisneef gabaasa gabaabdu.
      49 min

    About ILMAORMAA

    From the publisher's feed

    Hangafa pōdkāstī Afān Oromo !