ILMAORMAA

ILMAORMAA

By IlmaormaaSociety & Culture
Download on the App Store

ILMAORMAA episodes

  • S.1 Ep.5. Biyti Tokko Guddataa Jirti Hogguu Jadhamu Maalfaatu Guddate ?
    GDP (Gross Domestic Product) maal? Maal faatu walitti heerregamaa?   
    GDPn guddina biyya tokkorraa maal faa himti? Maal faa himuurraa hanqattii? 
    GDP male mizaanni guddina/badhaadhina biyya tokko ittiin heerragan kam faatu jiran?
     Diinagdeen biyya tokko haga maalitti guddataa? Diinagdeen garamitti guddataa ykn daangaan isaa eessa? 
    Aduunyaan amma keessa jirru tun mull'ata  "diinagdee guddisuu" jadhamtu akkamiin simattii? 
    Bifti aduunyaan diinagdee itti gurmeessite fi ittiin fayyadamaa as geessen tun guddina waaraa argamsiisaa?
    51 min
  • S.1 Ep. 4. Warri Xobiyaat Aango Gubbaa Jiru Biyya Garam Oofu Mala ?
    • Warri 'Neoliberalism' eenyu? Eessaa dhufan? Maal fedhan? 
    •  'Neoliberalism' hogguu imaammata/mull'ata diinagdee mootummaa godhatan maal faa  aduunyaa gubbaatti hojiirra oolchaa turan?   
    •  Mootummaan warra 'Neoliberal' eenyuufaaf bu'aa qabaa? Eenyurratti miidhaa dhaqqabsiisu dandahaa?  Tuutni 'Neoliberalism' hordoftu biyya keenyatti maal faa hujiirra oolchuu dandahu?  Warrirraa faaydeeffachuuf deemu eenyu? Warrirraa kasaaruuf deemu eenyufaa?  

    • 39 min
    • S.1 Ep.3. Afree Oromootaa vs Afran Naggaadootaa
      •  Bara 1917  qaallichi Xilyaani kan Enrico Cerulli jadhamu kitaaba "The Folk-Literature " jadhamtu barreesse.  Kitaaba sana keessaa walalo lama kan natti tolan fileen akkan fedhuttin dubbisa.
      •  Walaloon lachu waan yaroo sanitti ummatni naanno hardha Shanan Gibee jadhamuufi ollaa isaa jiraatan keessa turan ibsa.
      • Weyta san ummatni  bakka lamat walqoode. Isaanis Afree Oromootaa fii Afree Naggaadootaa jadhamu. 

      •  


        23 min
      • S1. Ep.2. Fincila Warra Arabaa Waggaa Kudhaniin Duubatti fii Kufaati Wayyaane?

        - Siyaasaa Xobiyaa fii sossohiinsa qarree/qeerroo Oromorratti dhiibbaa maal fidee?

        - Qabsoon ummatni biyyoota Arabaa geggeessee fi gaggeessaa jiru maaliif milkaahuu dhabe? Maal  irraa baratnaa?

        - Imaraat, Qatar fi biyyootni waahillan isaani tahan fincila ummataa kana keessaa qooda akkam jiraa qaban?

        - Turkiin Gaanfa Afriikaa fi Galaana Diima irratti qooda qabdu guddisuuf tarkaanfiin isiin fudhatte siyaasaa Xobiyaarrat dhiibbaa fidee? Xobiyaa fii Eritraa jidduu araarri shaffisaan akka argamu dirqisisee?


        35 min
      • Welcome!

        Brief introduction to the possible contents, topics, or issues discussed in the podcast and who the host is.

        1 min

      About ILMAORMAA

      From the publisher's feed

      Hangafa pōdkāstī Afān Oromo !