
Sign up to save your podcasts
Or


Kurfii duraa tana gubbaatti, Jaal Ahmed ijoollummaarraa kaasanii biyya Somaalee, Keniyaa, Suudaan, dirree qabsoo Dhiha Biiftuu Oromiyaa keessatti bobbahuun haga harka diinaarratti kufan jiddu waan keessa qaxxaamurani taateewwaan isaan mudatan mara nuun qooddatu.Dhihaadhaa!
Kurfii sadaffaafi maayyii kana keessatti Obb. Jawad seenaa qabsoo diddaa naanno Jimmaatti gaggeefamaa turee fii qissaa Jimmaa garagaraa nuun qooddatu.Dhihaadhaa!
Ob. Jawad bakka kurfii duraa dhaaberraa eegalee , seenaa mootummaa Jimma, bulchiinsa Abbaa Joobiirraa eegalee;
Dhihaadhaa !!
Qophii duraa kana keessatti obbo Jawaad qissaa mootoolii Jimmaafi Kan Shanan Gibee waan abaabilee isaanirraa debraa-dabarsaan isaan bira gahee hunda tokko-tokkoon waan yaadatan nuunqooddatu jalqabu.Dhihaadhaa!
Kurfii kana keessatti hamba qabsaawoota, Jaal Raggaatuu Roobaan:
Dhihaadhaa!
Kabjamoo hordoftoota keeenya, seenaan Jaal Woldeerraa barannuu xumura geesse.
Kurfii sagleessoofi ka maayyii kana keessatti, Jaal Woldeen:- Qoqqoodamu ABO keessatti mull'ate ture,- Kora EritIraa keessatti ABOn gaggeeseefi waldhabbii hogganoota jidduutti uumame hiikuuf tattaaffii godhame,- Koloneel Irreessaa Caalaa waliin walargani yaada waljijjiirratan,- Garaagarummaa kaayyoo hogganoota ABO jidduutti mullateefi bifa inni biyya ambaa keessatti calaqisaa tureefi seenaa qabsoo Oromoon gaggeessaa tureefii mudannoo baayyee keessa dabran ballinaan nuunqooddatu.
Dhihaadhaa!!
Jaal Woldeen, kurfii sadeettaffaa kana keessatti;- Akkamiin akka biyyarraa gama biyya ambaatti dhiibaman,- biyya ambaa keessatti caasaa ABO ijaaruuf carraaqqi godhaa turan,- Warra adii wajjiin qabsoo Oromoo tinnisuuf tattaaffii godhamaa ture,- Jaal Galaasaa wajjin akkamiin akka hojjataa turan- Haga bara 1998 ABO fi miseensoonni isaa biyya alaa keessatti haala kam fakkaataa keessa akka turaniif taateewwan heddu ballinaan nuunqooddatuDhihaadhaa!
Huubachiisa!Jaal Woldeen hogguu daawwattan doggora lamaan armaan-gad tarreefaman akka qajeelfattan kabajaan isin huubachiisu.1. Daqiiqaa 45:16 irratt kan "Laga Wahiib" jadhan dogoggora. Qajeelaan "Laga Shaayyaa".2. Sa'aa 1:06:36 irraatti kan "magaalaa Gaasaraa" jadhan doggoggora. Qajeelaan " Magaalaa Agaafraa".Fayyaa tahaa!***********************************************Kurfii torbeessoo kana keessatti jaal Woldeen :- Haala miseensoota ABO jala bultii ijaaramuu mootummaa cehumsaa biyya keessa- ijaaramu mootummaa cehumsaafi dhaboota siyaasaa Oromoo- haala ABOn parlaamaa keessatti hojjataa ture- bobbaa gama godina Baalee godhamee fi waan isaan mudateefi taateewwan kabiroo heddu nuun qooddatu.Dhihaadhaa!!
Kurfii 6ffaa kana gubbaatti J Woldeen jaallan magaalaa keessatti hafan- Hogganootni magaalaa gad-dhiisanii hoggu deeman haala ture,- Warra dirree jiru tinnisuuf carraaqqii godhama turan,- Tattaaffii Jaallan magaalaa keessatti hafan of deebisanii gurmeessuuf godhaa turan,- Rakko kamtuu J. Muheen dirreerraa akka Shaggar dhufu sababaa taateef,- Erga DARGUUn hidhaatti isaan guuree booda hariiroo dhaabaa waliin turee- hidhaa bahani haala isaan mudateefii seenaa kan biroo hedduu nuun qooddatuDhihaadhaa!
J. Woldeen Kurfii Shanaffaa kana keessatti;- Yuunivaarsitiitti deebi'anii barnoota isaanii xumuruu,- Qabsoo keessatti dhoksaan qooda ofii gumaachuu,- Hujii mootummaa gazeexaa Bariisaa gulaaluu eegaluufi taateewwan heddu kan gadaa sanii ballinaan nuunqooddatu.Dhihaadhaa!
From the publisher's feed