
Sign up to save your podcasts
Or


Jaal Woldeen kurfii afreessoo kana keessatti,- Barnootaaf yuunivaarsitiif Shaggar deemuufi haala 1970ta keessatti mullachaa ture,- Yuunivaarsitii keessatti diddaafi warraaqsa barattootni gaggeessaa turan,- Qabsaawootaafi hogganoota ABO waliin quunnamtii eegaluu,- Jaal Magarsaa waliin obbolummaafi jaallummaan waan waliin hojjachaa turan,- Idigaat Bahibraat Zamachaaf naannoo Wallootti bobbahuu,- Dirqama ABO fudhachuun godina Baalee, Shaggarfi Harar bobbahuun dirqama gara-garaa raawwataa turaniifi seenaa dheertu kan biroo ka bara 1970ta nuunqooddatu.Dhihadhaa!
Kurfii Sadaffaa kana keessatti Jaal W. Hurrisoon :- waggaa 65 dura ganda guddatan keessatti manni barnoota sadarkaa dura akkam ture? Barsiisaan beekumsa hagami qabaataa ture?- Gadaa san barattoota sadarkaa 1ffaa jiraniif carraan hojii waan akkam jiraafaa ture?- Haala Leenjiin Bariistoota Dabra Biraanitti gaggeefamaa ture,- mana barnootaa sadarkaa duraarraa eegalee, leenjii barsiisummaaf sanduubatti hujiitti ramadamanii aman dheera kana keessatti waan argan, muudannoo fii seenaa bara durii ball'inaan nuun qooddatu.Dhihaadhaa!
Kutaa lammaffaa kana keessatti Jaal Woldeen - uumama ijoollummaa isaaniitti argaa guddatan;- Ummatni akkamiin guyyaa bakka bakkatti qoodee gurmeeffataa ture;- Warri Tuulama akkamiin jireenya isaanii gaggeefataa turanii ?- Warri Tuulama ijoollee akkamiin manatti waan gara-garaa barsiisaa turan?- Warri ofii lafa hinqabne, warra Abbaalaafaaf maalfaa akka dalagaafii turan;- Warri Tuulama aadaasaanii dhalootaaf carraaqqii akkam jiraa gaggeessaa turan? Seenaa kanaafi kabiraa hedduu ball'inaan nuun qooddatu.Dhihaadhaa!
Maanguddoo W. Hundee Hurrisoon seenaa waggaa 75 duraarraarraan eegaluun argaa-dhageetti warra isaanii fi kahaawaasa ball'aa akkasumas mudannoo mataasaanii qophii duraa kanaan nuun qooddatu jalqabu.Dhihaadhaa!!
Kutaa lamaffaa fi maayyii kana gubbaatti, J. Abdiisaan:
Dhihaadhaa!!!
Qophii duraa kana jalatti J. Abdiisaan;
Dhihaadhaa!
Warri Tuulamaa Arsi Qubate Cufti Nafxanyaa ykn Angaachii Ras Daarge Turanii?Ijinaar Qorichoon qophii kana keessatti seenaa warra Tuulamaa gama Arsiitti siqanii jiraataa turan keessa kan ganda warra inni irraa dhalatee fi keessatti guddateerraa waan yaadatu gabaabsaan nuun qooddata.Dhiihadhaa!
Kurfii maayyii tana keessatti, Jaal Magarsaan,Seenaa qabsoo ABOn hogganamaa turte erga Moqaadishootti Jaal Galaasaan itti gaafatamummaarraa kaafame kaasee rakkoolee fi waldhabbii deemaa turee fii waan isas mudate mara nuun qooddata.Dhihaadhaa!
Kurfii sadeessoo tana keessatti Jaal Magarsaan:
Dhihaadhaa!
Jaal Magarsaan kurfii lammafaa kana keessatti bakka kutaa duratti itt dhaaberraa itti fufuun,
From the publisher's feed