ILMAORMAA

ILMAORMAA

By IlmaormaaSociety & Culture
Download on the App Store

ILMAORMAA episodes

  • SE10 EP220 "Aadaakee Yoo Dhiifte, Adawwiin Sidhaala" -- Weellisaa Kadir Sa'iid | 2/2

    Weellisaa jaalatamaan Kadiir Sa'iid kurfii lammaffaa fii kamaayyii kana keessatti, ijoollummaan gaafa loon tiksurraa kaasee haga Ameerikaa waltajjii Oromoo gubbaatti hujii qooqasaa miidhaagaa saniin dalagaa tureefii waggoota dheera kana keessatti mudannoo keessa dabre hunda takka-takkaan nuun qooddata. Kurfii kana keessatti,

    • Qooda "artii"n Oromo aadaa, afaan, seenaa fii qabsoo Oromoo jiraachisuufii guddisuu keessatti qabdu
    • Rakko Weellistootni Afaan Oromoon sirban sirna garagaraa keessatti dabarsanii fii hardhallee keessa jiran
    • Qooda Jaal Abdii Muhammad(Abdi Qophee) aadaa, "artii" fii Afaan Oromo guddisuu keessatti qabu
    • Yaadanno Weellisaa Usmaayyoo Muusaa fii

    seenaa "artii" Oromoo fii taateewwan heddu kan bara dheeraa ball'inaan nuun qooddata.Dhihaadhaa!

    2 hr 20 min
  • SE10 EP219 Seenaa Qooda Hawwisoo Caffee Gadaa Qabsoo Bilisummaaf - J. Aanaa Bareentoo Irraa | 1/2

    Jaal Aaanaa Bareentoon kurfii duraa kana keessatti ;

    • Jalqaba ijaaramuu Hawwisoo Caffee Gadaa
    • Miseensoota Hawwisoo Caffee Gadaa
    • Bara Mootummaa Cehumsaa carraaqqii hawwisoon Caffee Gadaa ummataa fii WBO kakaasuufii dammaqasuuf taasiisaa turte
    • Mootummaa Cehumsaa keessaa ABOn dirqamee baafamnaan miseensoonni Hawwisoo gariin dirree qabsootti bobbahuu
    • Dirree qabsoorraa gama biyya ollaatti bobbaafamuu
    • Biyyaa ollaa keessatti ummata dammqsuufii dhaabaaf galii argamsiisuuf qooda isaan gumaachan
    • biyya ollaa keessa turuun ulfaannaan deebi'ani dirreetti bobbahuu
    • dirree qabsoo keessatti waan isaan mudateefii gidiraa keessa qaxxaammure mara nuun qooddata

    Dhihaadhaa!

    1 hr 57 min
  • SE10EP218 J. Quubsaarraa Seenaa ABOn Dirree Qabsoo Lakkise Gama Biyyoota Ollaatti Taakkuu |3/3

    Kurfii maayyii kana gubbaatti, Jaal Quubsaan

    • Haala 1997 fii 1998 dirree qabsoo keessa ture
    • Erga biyya ollaatti taakkanii boodatti waan isaan mudate
    • seenaa Kora Hatatamaa biyya ollaatti hogguu gaggeefamu ture
    • seenaa gama Eritiraa hogganni godaanuu
    • waraanni Somaaleerra bobbahee akkamiin akka hoongahee
    • J. Galaasaan fedhiisaatiin aangoo gadhiisuuf iyyata dhiheessuu
    • Wareegama Jaal Mullis Gadaa
    • Haala Jilaa fii Kora Sabaa 3ffaa Eritraa keessatti gaggeefaman keessatti mumullataa turee fii seenaa kan biroo hedduu nuun qooddata

    Dhihaadhaa!

    1 hr 59 min
  • SE10EP216 Jaal Quubsaa Sabaarraa Seenaa Qabsoo ABOn Hogganamaa Ture | 1/3

    Jaal Quubsaa Sabaan kurfii duraa kana keessatti;

    • seenaa haala jireenya ummata Oromoo naannoo inni keessatti dhalatee guddate
    • seenaa fincila diddaa gabrummaa ummatni Oromoo naanno inni keessatti dhalatee guddate gageessaa turan
    • carraaqqi isaafii waaheellan isaa qabsootti ida'amuuf godhaa turn
    • haala gama biyyaa Somaalee isaan geesse
    • taateewwan biyya Somaaliyaa keessatti isaan mudataniifii

    seenaa hedduu kan biroolle nuun qooddataDhihaadhaa!!!

    1 hr 18 min
  • SE10 EP215 Jaal Gammachiiftu-Qooda Miseensoota Hawwisoo Caffee Gadaa Ollaafi Diree Keessatti | 2/2

    Kurfii maayyii tana keessatti, Jaal Gammachiiftuun,

    • erga ABOn mootummaa Cehumsaa keessaa dhiibamee baheen boodatti waan miseensoota Hawwisoo Caffee Gadaa Mudate
    • qabsoo miseensoonni Hawwisoo Caffee Gadaa kan dirreetti bobbahan gaggeessaa turan
    • yaroof biyyarraa gama biyya ollaatti erga dirqamaan bobbaafanii booda qabsoo achitti gaggeessaa turan
    • biyya ollaarraa arihamani waan isaan mudateefi
    • haala qabsaawootaafii biyyi keessa jirurraa yaadaafii gorsa nuuf laatti

    Dhihaadhaa!

    1 hr 22 min

About ILMAORMAA

From the publisher's feed

Hangafa pōdkāstī Afān Oromo !